Mammaaksa

Hin Gaabbitu Tasafaayee B. Birmajiitiin

Xiiqidhaaf dhalattee

Xiiqiidhaan guddattee

Gabrummaa balfitee

Bilisummaa faarsitee

abadan abadan

Hin baannu gabrummaa

Hiddumaan  buqqifnaa

Ofiifille dadhabnu

Ilmaan itti guddifnaa

Jettee xiiqefattee

Xiiqii nu dhaalchiftee

Seena nutti dhiiftee

Ofii keef godaantee

Silaa du’aan galee

Nutiis si galfannaa

Sun hin danda’amneef

Teenyee quba nyaannaa

Kaayyoo kee dhugoomsuuf

Nutis kufnee kaana

 

Mee waan si gaafadhaa

Naa deebiftaa tarii

Goota madda walaabuu

Kan dirree dhoombirii

Osoo guyyuma tokkoof

Akka raaji taa’ee

Gootummaan kee duri du’as injifatee

Guyyaa tokkitidhaaf osoo du’aa kaate

Jiruu saba keeti  ijuma keen laalte

Ni gaabbitaa laata

Tarii nuttii aartaa?

Xiiqqin isin dhaalchisee

Maali Maaf daggattan

Jettee nu abaartaa?

 

Lakkii hin gaabbituu

Tasuma nu hin abaartuu

Firiin ati facaaftee

Onnee keenya keessatti

Margee laliseeti kan ati argitu

 

Diina xiiqi kolaasuf miilla koo saakalu

Dhiifama gaafadhee mana kootti hin galu

Tarii barbaachifnaan gaafachuun oofkaltii

Dagadheera taanan  Xiiqi Waaqoo kootii

Inni an gaafadhu Saba oromooti

Jedhee Kan dubbatu isa soda hin beekne

Kayyoo ganamarraa tasa kan hin maqne

Baqqalaa Garbaa fi Olbaana argitaa

Kaayyoo ishee ganamaa lalistee hubattaa

Atoo hin gaabitu lakkii maaf Gaabbitaa

 

Generaal Waaqoo Guutuu akkasuma gootota bara kanaa kan akka Baqqalaa Garbaa fi Olbaana Leellisaatif

Comments

comments

About the author

OPride Staff

Collaborative stories written or reported by OPride staff and contributors.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

1 Comment