Featured Walaloo

Shurruqi Leelloo Seenaatiin

goleen ati qabdu

inni ati abdattu

kan addaan sinqoonne

beekte jirta atuu

irreen keetis waaqaa

irreen dhiibi saamtuu…

akkamiin irkattee

mataa jala bulta

boraatii muramtuu?

Irreen kee uumaadhaa

bulchaa walaabuutii

wanti wantaa’n geenne

si bulchina jettii

kittillayyoon jeejee

bor-si liqimsitii

har’arraa shurruqi dhiitee

jirti sitti sissiqii

goobani goobiitii xixxiixi…

xixxiixaan galgalaa

wayita golgolaa’aa

booratee ful’aa

foolleen bittinaa’aa

leemmoodha ree lammiin…

garaansaa taliilaa

halkan tokko bulee

obboroosaa moo’a!

jiruuf jireenyi kee

jaataniin guutamee

eebbaaf mammaaksi

weedduufi geerarsi

mirga namummaa kee

haalamuu kan keetiin

mirga sabummaa kee

sarbamuu kan keetiin

quuqamni kee marti

aartiidhaan himamee

dhalli walii dhaame!!

akkas jedhee hime…

waaq roobee biqilchee

biqilaa nuu laatee

dilbiisaa nuu tolchee

gar-laafina keenyaan

arangamaaf rirmaan

magariisa nyaatee

hoongetti nugalche!!

waaq-jiraaf waaq-kennaan

nukeessaa dhabamee

waakkii fi wal-ganuun

waan inbeekne baanaa

waan ofii hiyaanneen

akka waan yaannutti

waajjira diraamaan

waan yaanneen diramne!

Comments

comments

About the author

OPride Staff

Collaborative stories written or reported by OPride staff and contributors.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.