Afaan Oromoo Ethiopia Opinion

Kan Maqaadhaaf kaayame tare; Maaltu Itti Aana?

 

(The New York Times) – Ob. Haylmaaram Dassaalany, Dureen Ministaroota Tophiyaa, (kamisa, Gur. 15) aangoo saa dagutti lakkise; gaafa itti aanu, jimaataa, biyyattiin labsa yeroo muddamaa labsite. Seerri mooti qorkeen kuni osuma qabsoon cimtuun bifa gargar citii hinqabneen  biyyattii raasaa jirtu gabaafamaa jirtuu, osuma ganna lama hin guutin labsiin lammeessaan tuni biyya jeeqama siyaasaatin xaxamteef nama yaachisa.

Ob. Haylamaaram Mallas Zeenaawiin, namichi bara 1991 irra haga du’utti  humnaan biyya sun bite bara 2012-tti erga du’e booda gara aangoo dhufe. Bifa waliigalaatiin Haylamaaram kanuma maqaadhaaf achi kaayameefi humaatis hintarretti ilaamaa ture. Kana malees, saba bicuu kibba biyyattii Wolaayitaarraa waan taheef humna cimaa itti of abdatu hinqabu.  Saboota sadeen gurguddaa –Oromoo, Amaaraafi Tigree birattisi jalqaburraahuu fudhatama dhabe.

Ummanni bal’aan isa hinfeene; warri ADWUI hogganus nama biraa kan irratti waliigalan dhabnaani malee dilas isa fedhanii achi isa hinkeenye. Dhaabni ADWUI jedhamu kuni, maqaadhaaf gamtaa dhaabota sabaaleeyyii afuriiti. Dhugaadhaan immoo, dhaaba Tigroota saba muraasa biyyattii  keessaa dhibbeenta 7 qofa tahan kanimmoo diinnagdee, waraanaafi human tika nageenyaa dhuunfatantu harkaa qaba.

Dhumarratti, Ob. Haylamaaram nama tumsa malee kophaasaa daabbbatu tahe; aangoo lakkisuun isaa yeroo itti eegamaa jiru dura tahuu  malee, waan nama ajaa’ibsiisuu miti. Kora ADWUI isa itti aanutti nama birootin akka jijjiiramuuf taa’u waanuma namuu eegaa ture.

Akka gabaasa Mootummoota Waltahaniititti, bara 2017 keessa yoo xinnaate ummata miliyoona tokkootu jiruufi jireenya qaburraa buqqaafame, kuniis osuma fincilli bakkayyutti deemaa jiruuufi diinnagdeen biyyattiitis caccabaa jirtu keessatti tahe. Koree hoji raw’achiiftuu walgahii isii kan ji’a December keessa  geggeeffatteen waan biyyattiiifi paartii isaanii diinootarraa mudachaa jiraniif hoggansa darree Haylamaaram balaaleeffatte; hiree hegeree isaatis yoosuma sumudaan saamsite. Buqqa’iinsa ummataa, jeeqamni siyaasaatiifi nageenyi biyyattii fincila mormii saboota Oromoofi Amaaraa, kan ummatoota biyyattii keessaa baay’inaan sadeentaa lama (2/3) tahaniin  raafaman qabbaneessuu dhabuus akka badii isaa tahetti ni fudhate.

Fincilli ummata Oromoo, saba guddicha Tophiyaa tahee kanaa, dura dhimma Master planii bulchiinsa magaalaa Finfinnee bal’isuuf karoorfame mormuudhaan bara 2014 keessa jalqabame. Humnoonni tika nageenyaa irree cimtuudhaan mormii karaa-nagayaa kana dhaabuuf gargaaraman. Kunis xiiqiifi mormii   daraniiti dhalche; gara naannoo Amaaraattis ni babala’te. Kana dhaabsisuufis labsii yeroo hatattamaa kan ji’oota kudhaniif tureetu itti aane. Namoonni kum kurnaatamaan lakkaawaman hidhatti guuraman. Garuu, labsiin sun August 2017 akkuma kaafamteen mormitoonni, kan wayyabni dargaggeeyyii kum kurnootaan lakkaawaman, daandiitti gadi bahuudhaan mootummaan aangoorraa akka bu’uu fi hidhamtoonni siyaasaa akka hiikaman gaafachuutti seenan.

Hidhamtoonni siyaasaa, hogganoota beekkamoo dabalatee, gaazexeessitoota, (waliigalatti namni 6,000) hoggaa lakkifaman guyyaa itti aanu Ob. Haylamaaram angoorraa bu’uu gaafachuu ibse. Ummanni qabsaawaanis dhiichisaafi hiriira guddaa ajaa’ibaatiin Oromiyaa mara magaalaa fi Shaggarittiis hoggantoota isaa simate; akka waggoota digdamii-torban dabraniitti biyyatti sun bituun sichi akka hindandayamnes mirkaneesse.

Asirratti wanni guddaan Haylamaaram bu’uu osoo hintahin akkaataa ceehumsi ittiin raaw’atamu taha. ADWUI hogganaa dhaaba sun walitti itichu, kan ummata biratti fudhatama qabuufi walitti gaarrifannoo gara siyaasaafi ummataa  tasgabeessuu kan dandayu isii feesisa. Barcuma gararree sunitti nama jijjiiruu daran jijjiirama imaammannoo siyaasaatu barbaachisa. Humnaan nama bituun akka hindandayamnees ifa jira. Mootummaan labsii yeroo hatattamaa irra deebite fiduun, ADWUIin ammaas barnoota waan argatte hinfakkaattu. Diddaafi fincila xiiqiifi murannoodhaan geggeeffamu irreedhaan cabsanii bituuf yaaluun bu’aa isiif fiddu hin qabdu.

Bakka Haylamaaraam eenyu haa bu’u? Deebiin ifa jirti. Hoggansi tarkaanfataan DHADUO Ob. Lammaa Magarsaa hogganu deeggarsa ummataa bal’aadha qaba. Bakka dhaqan maratti, Ob. Lammaafi waahillan isaa akkuma gootota amma hidhaarraa lakkifamaniin qixxeetti simataman. Dhaaba dur gunaadhaan ykn boortaadhaan malee deeggarsa qabaachuu hinturre tokkoof kuni jijjiirama guddaadha. Hogganoonni DHADUO ammaa dargaggeeyyii tahuu isaaniitiin dhaloota amma fincilaa jiru laaftutti hubatu. Deeggarsi saanii ilaalcha siyaasaafi amantii akkasumattiis kan qaccee dhalootaa mara ammata. Kunis hamma tokko, gaaffii finciltootaa waan ofitti fudhataniifi siyaasaa biyyattii dimokraateessuufi tokkummaa biyyattis jabeessuuf ifatti murteeffachuu isaaniirraa madda.

Akkasiinuu, ceehumsi kuni kan daadii qajeelaa irra adeemuuf deemu akka hintaane labsiin yeroo hatattamaa ifatti mul’isa. Nama bakka Haylamaaram bu’u filuuf aangoon kan Gumii ADWUI waan taatef, dhihotti walgayuudhaan  Muummicha ministeerotaa itti aanuu filatu jedhama. Heerri biyyatti namni aangoo suniif muudamu miseensa paarlamaa federaalaa tahuu qaba jedha. Kunis dhimma kana xaxamaa taasisa. Ob. Lammaan miseensa paarlamaa federaalaa miti. Filannoon addaa ykn murtiin siyaasaa addaa gochuu qofatu iddoo suniif isa qaadhima. Kuni yeroo gabaaduu keessatti taha jechuun nama dhiba; dhaabni ADWUI biyyattii kophatti waan bulchiinsa fedhii sun qabaannaan immoo, wanni gochuu isa dhorgu hin jiru.

Hogganaa amanamaa fi dandeettii qabu akka as bahu mala dhawuu keessatti humnoonni waraanaatiifi tika nageenyaa itti waliigaluu qaban. Ajajoonni waraanaa ol’aanoon ofiifuu bal’inaan sektara constraction keessa jiran, malaammaltummaatti cuubaman fi mirgoota namoomaa dhiituu keessatti qooda qaban jijjiirama diduudhaan sirni kun akka itti fufu murteessuun ni mala. Labsiin yeroo hatattamaa biyyattii ajaja waraanaa keessa galchu garuu, jijjiirama Ob. Haylamaaram aangoo lakkisuuf akka sababaatti maqaa dhawe wajji walitti hinmalu.  

Hallettuu bubbeen jijjiiramaa bal’inaan Afrikaa keessaa bubbisaa jiru Tophiyaa gayeera. Hegereen biyya tanaa mamiidhaan hagoogamaadha; akkuma kanaan itti fufti jedhanii yaaduun garuu hindandayamu. Sirna kana kufiinsarraa hambisuun sichi hindandayamu. Waaheellan tophiyaa, kanneen akka Ameerika (biyya guddoon ishii gargaartu) daddagalchuudhaan mootummaan kuni karaa qajeelaa akka filatu gochuuf geeggarsa tahuu ni dandayan.

Ob. Haylamaaram haasawa isaa kan gaafa kamisaa himetti waliigaltee qabaachuun akka barbaachisu cimsee himeera. Waliigalteen ammo, dhimma dhaabni tokko qoftiin fiixa baasuu miti. Kuni waan ADWUI kophaa ofii bakkaan gayuu miti. Hogganaan biyyaa kan itti aanu yeroo ceehumsaa mormitoota mara wajjiin qaamaa-qalbiidhaan mari’atu dhugoomsuu qaba. Yookaan Tophiyaan biyya tasgabbii hinqabneefi girgiriidhaan walhindhabne tahuun itt fufti.

Barreessaan Muhaammad Adamoo fi Hasan Huseen

Kan Afaan Oromootti hiike Dr. Abdulsamad Mohaammad

Comments

comments

About the author

Hassen Hussein

Hassen Hussein, a writer, teaches Leadership and Management courses at the Saint Mary’s University of Minnesota and can be reached at hxhuss10@smumn.edu.

About the author

Mohammed A

Mohammed Ademo is a freelance journalist based in Washington, DC. He's the founder and editor of OPride.com, an independent news website about Ethiopia.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.